- Galiiwwan seeraan yookiin Mootummaa Federaalaa irraa bakka bu’iinsaan Mootummaa Naannichaatiif kennaman ni murteessa, walitti ni qaba, akkaataa walitti qabiinsa isaas ni hooggana;
- Seerota gibiraa fi taaksii fooyyessuuf qorannoowwan adda addaa gaggeessuudhaan yaada murtii mootummaaf ni dhiyeessa, yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
- Seerota gibiraa fi taaksii darbuudhaan yakka raawwataman ni qorata, ni himata, ni falma, kana raawwachuuf Abbootii Alangaa fi qorataa yakkaa mataa isaa ni gurmeessa, raawwii isaaniis ni hordofa.
- Mootummaa Naannicha keessatti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii hammayyaa’aa ni diriirsa, tajaajilamtootaaf tajaajila haqa qabeessa, qulqulluu fi si’aayaa ni kenna.
- Ragaalee hojii Abbaa Taayitichaaf gargaaran walitti ni qaba, ni gurmeessa, ni xiinxala, qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
- Murtii fi walitti qabiinsa galiiwwanii, qabiinsa herregaa fi dhimmoota biroo kana wajjin wal qabatan raawwachuuf haalawwan hojii fi tooftaalee raawwii ni qopheessa, hojii irra ni oolcha, ni hordofa;
- Kaffaltoonni gibiraa fi taaksii mirgaa fi dirqama isaanii akka beekan kan dandeessisu sirna ni diriirsa, hojii hubannoo cimsuu itti fufiinsaan ni kenna;
- Madda galii Mootummaa Naannichaa babal'isuuf kan gargaaran qo'annoowwan adda addaa ni gaggeessa, yaada ni burqisiisa, Mana Maree Bulchiinsaatti dhiyeessuun yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
- Sirna raawwii bulchiinsa gibiraa fi taaksii ilaalchisee gorsaa fi leenjii ni kenna;
- Seerota gibiraa fi taaksii raawwachiisuuf ragaalee fi sanadoota barbaachisaa ta’an nama kamiyyuu harka jiran dhiyeessisuun ni qorata, yoo barbaachisaa ta’e to’annoo jala oolchuu ni danda’a;
- Akkaataa seeraatiin qabeenya abbaa idaa gibiraa fi taaksii qabsiisuun idaa gibiraatiif ni oolcha;
- Galiiwwan karaa Mootummaa Federaalaa walitti qabamuun Mootummaa Naannichaaf galii ta'uu qaban kamiyyuu hordofuun galii ni taasisa;
- Hanga galii Mootummaa Naannichaatiin walitti qabamuu qabu ni qorata; istaatistiiksii galiiwwaniis ni qopheessa, ni qindeessa;
- Ulaagaalee qooddii galii ni qorata, yaada ni dhiyeessa, irrattis ni hirmaata,
- Galii tajaajila adda addaa bulchiinsa magaalotaa irraa walitti qabamuu qabu taarifa Manni Maree Bulchiinsa Magaalotaa baasu irratti hundaa'uun ni murteessa, walitti ni qaba, ni bulcha.
- Galii naannichaa walitti qabamuu fi taarifa qopheessuuf qorannoo gaggeeffamuu fi murtii kennamu keessatti hirmaachuun ni raawwachiisa;
- Karoora galii tajaajila manneen hojii mootummaa qopheessaniin galii walitti qabamuu qabu karoora waliigalaa waliin qopheessee akka mirkanaa'u ni taasisa, raawwii isaas ni hordofa;
- Kaffalaa gibiraatiif dhaabbilee gibira itti kaffaluu danda’an kanneen biroo ni mijeessa.
- Qaraxa seeraan murtaa'e walitti qabuu fi iddoo barbaachisaa ta'etti buufatni to’annoo akka hundeeffamu yookiin akka cufamu Mana Maree Bulchiinsaatti ni dhiyeessa, yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha.
- Hojjettootaaf yeroo yeroon leenjii ni kenna, dandeetti raawwachiisummaa hojjettootaa cimsuu kan dandeessisu sirna leenjii fi fooyya’iinsa ogummaa ni diriirsa.
- Raawwii sirna galii fi taaksii wal-simsiisuuf qaamota damee galii Federaalaa fi Naannoolee biroo waliin muuxannoo wal jijjiirraa ni gaggeessa, walitti dhufeenya barbaachisaa ta’e ni uuma.
- Akkaatuma barbaachisummaa isaatti aangoo fi hojii isaarraa qoodee bakka bu’iinsaan qaamolee dhimmi ilaaluuf kennuu ni danda’a.