1.png
images/Banner Slide/02.png
2.png
images/Banner Slide/03.png
4.png
images/Banner Slide/04.png
images/Banner Slide/05.png
PlayPause
previous arrow
next arrow

 Aangoo fi Gahee Hojii BGO

  1. Galiiwwan seeraan yookiin Mootummaa Federaalaa irraa bakka bu’iinsaan Mootummaa Naannichaatiif kennaman ni murteessa, walitti ni qaba, akkaataa walitti qabiinsa isaas ni hooggana;
  2. Seerota gibiraa fi taaksii fooyyessuuf qorannoowwan adda addaa gaggeessuudhaan yaada murtii mootummaaf ni dhiyeessa, yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
  3. Seerota gibiraa fi taaksii darbuudhaan yakka raawwataman ni qorata, ni himata, ni falma, kana raawwachuuf Abbootii Alangaa fi qorataa yakkaa mataa isaa ni gurmeessa, raawwii isaaniis ni hordofa.
  4. Mootummaa Naannicha keessatti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii hammayyaa’aa ni diriirsa, tajaajilamtootaaf tajaajila haqa qabeessa, qulqulluu fi si’aayaa ni kenna..........

Raawwii Hojii Bara 2016 fi Karoora Bara 2017

Bara baajata 2016 tti galii idilee qarshii bil. 87,637,583,065 fi galii mana qopheessaa 22,209,338,517  akkasumas Galii keessaa irraa Birri bil. 13,196,193,028 Waligalaan Bir Bil 123,043,114,612 walitti qabuun kan danda`amee jira.

Bara 2017 tti

Bara baajataa 2017 tti Biiroon Galiiwwan Oromiyaa humna dinagdee naannoon keenya maddisiisuu danda’u irratti hundaa’uun Karoora Xiiqii Sassaabbii Galii

  1. Galii idilee Qr. 142,660,000,000
  2. Galii Mana qopheessaa Qr. 42,750,455,398 fi
  3. Galii keessaa Qr. 20,088,725,914
  4. Waliigala Birrii  205,499,181,312 sassaabuuf karoorfamee raawwatamaa jira.

Ergaa Hogganaa BGO Kabajamoo Obbo Tasfaayee Tulluu

Image


  • Hunda dura ergama akka mana hojiitti nuuf kenname hubachuudhaan hojiitti galle’’ jechuudhaan ibsasaanii jalqaban. ‘’ kunis sirna bulchiinsaa gibiraafi taaksii ammayyaa’aa ta’e diriirsuun, dandeettii raawwachiisummaa guddisuun, tajaajila haqa qabeessa ta’e kennuun, aadaa fedhiin gibira kaffaluu gabbisuuniifi seera taaksii kabachiisuun galii dinagdeen naannichaa maddisiisu gahumsaan sassaabuu kan jedhuudha.

    Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa bara 1998 of danda’ee Caaseffamee hojiisaa erga eegalee asittii raawwiin sassaabbii galii mul’achaa ture hanga barbaadame yoo ta’uu baates, yeroodhaa gara yeroottii fooyya’insa agarsiisa dhufeera.

Hoggantoota Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Hogganaa tokko fi Itti Aantoota Sadi qaba!


          Obbo Tasfaayee Tulluu
Hogganaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa


             Obbo Gosaa Fayisaa
I/A Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Ammayyeessuu fi Koorpooreetii


       Obbo Ramadaan Waariyoo
I/A/Hogganaa fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa


        Obbo Lammeessaa Ayyalaa
I/A/Hoggaaa fi I/G Damee Misooma fi Bulchiinsa Taaksii

'Taaksii Telebirr’n haa kaffallu!

Image
Tajaajilli Telebirr

Tajaajilli Telebirr Ethio Telecom - Taaksii/ herrega ji'aa kaffaluu, kaffaltii oomishaa fi tajaajilaa, kkf mobaayila keessan fayyadamuun raawwachuu kan dandeesisu sirna kaffaltii moobaayilaa ammayyaati. Kunis iddooma jirtanii maallaqa qabatanii deemuu fi qaamaan dhiyaachuun osoo hin barbaachisin bilbila harka keessanii fayyadamuun mala taaksii kaffaluu isin dandeesisuu dha.

Teessoo Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Finfinnee, Sarbet Mooraa Biiroolee Oromiyaa keessa

Lakk Bil: 011-369-15-18/ 011 369- 18-15

Lakk Fax: +251-11-371-78-80

Lakk Poostaa: 27475

Email: Oromiarevenues@gmail.com

Finfinnee, Oromiyaa

Oromia Revenue Bureau by ORB ICT