BGOn bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse.

Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse.
@@@@@@
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2016 kan kurmaana 1ffaa fi 2ffaa /kan ji'a jahaa/ magaalaa Shaggar kutaa mag/Sabbataatti gaggeessee jira.
Gamaaggama kana irratti gabaasni raawwii hojii kan dhiyaate yammuu ta'u sadarkaa sassaabbii galii hanga 30/04/2016tti irra gahame;
Galii idilee qarshii bil. 42.36, Galii mana qopheessaa qar bil. 9.84 fi galii keessaa qar bil 4.84 walumaa galatti galiin qar bil. 57.07 sassaabamee jira.
Raawwiin kun kan bara dabee hanga yeroo kanaa waliin yammuu madaalamu qarshii bil. 15.19'n caalmaa agarsiisuu danda'ee jira.
&&&&& Sababoota guddina galii bara kanaa yammuu ilaallu; &&&&&
@ Hirmaannaan caasaa galii sadarkaan jiru ciminaan hojii raawwachuu,
@ Mala tekinooloojiitti fayyadamuun taaksii sassaabuu,
@ Hojii raawwii galii irratti marii fi hordoffii osoo walirraa hin citin raawwachuu(viidi'oo konfiraansii dabalatee)

BGOn Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa fi Farraa malaammaltummaa kabajera.

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa mata duree Hedduminnii fi Wal-qixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!! Jedhuun fi kabaja guyyaa ayyaana Farra Malaammaltummaa taasisee jira.
&&&&
Kabaja guyyaa ayyaanaa kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Sad.I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Kab/Aadde Maskaram Dabbabee akka jedhanitti guyyaa kana arguuf osoo hawwanii hin argin namoonni darban baayyee ta'uu isaanii yaadachiisuun guyyichi guyyaa Mirgi Sabaa fi Sab-lammootaa heera mootummaan wabii argate, guyyaa mirga keenya kabajuu fi biyya bulchuuf carraa arganne waan ta'eef namni hundumtiyyuu walqixxummaan sabootaa akka mirkanaa'u guchuu keessatti qooda isaa ba'uun obbolummaan biyya keenya keessatti hundee cimaarra akka dhaabbatu gochuun barbaachisaa akka ta'e yaada kaasanii jiru.
Itti dabaluunis kabajamoon Aadde Masakaram Dabbabaa dhimma deeggersa hidha laga Abbayiif Dhugaa waloo sabaa fi sablammootaa kan ta'e hidha laga Abbaayiif deeggeersa ni goona jechuun hojjettootni Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa miindaa isaanii ji'aa irraa %60 kaffaluu isaaniif galateeffachaa hojii deeggersaa kana hanga hojichi xumuramutti hamilee guddaadhaan itti fufamuu akka qabu kallattii kennanii jiru.

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatiin bara kanaaf qophaa'e waliin ta'uun gamaaggamee jira.
&&&&&
Sad. I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa kab. Aadde Maskaram Dabbabaa akka jedhanitti Mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennee bajata ramaduun hojichi akka hojjetamu Hooggansa taasisaniif galata guddaa qaban dhiyeessanii qorannoo kana irraa bu'aa guddaan kan eeggamu akka ta'ee fi muuxannoo hojii qorannoo baroota darbanii ka'umsa godhachuun sirnaan xiyyeeffannoon itti kennamee yoo raawwatame qorannoon kun humna galii mootummaa sadarkaa ol'aanaa irra kan geessisuu fi fayyadamummaa hawaasaa daran kan dabalu akka ta'e beekamee hojicha kutannoo fi waldhaga'uun akka hojjetamu ibsanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun I/A/Hog. fi I/G/Damee Misoomaa fi Bul/Taaksii Obbo lammeessaa Ayyalaa yaada kennaniin qorannoon haala walfakkaatuun baroota darban Yuniversiitii N/O waliin taasifame humna galii maddisiisuutiin eessa akka jirru kan nutti agarsiise, ofitti amanamummaa kan dabale, karoorri keenya bu'uura qorannoo akka ta'u kan taasise akkasumas dandeettii raawwachiisummaa keenya kan dabale akka ta'e kaasanii jiru.
&&&&&&

Previous Next
  • 1
  • 2
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise. Monday, 29 January 2024 06:26
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.@@@@Marii kana irratti sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kan argaman yammuu ta'u haasaa taasisan... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira... Monday, 29 January 2024 06:29
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...@@@''Qajeelfamoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaan ba'u haal-duree tokko malee hojiirra ooluu qaba'' jedhan Hoogganaan I/A Biiroo Galiiwwan... Read more
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!! Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti. Monday, 29 January 2024 06:32
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!!&&&Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.&&&&Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa karoora xiiqii sassaabbii galii (qar. Bil 144) galmaan gahuuf hojii karooraan hoogganamu hojjechaa kan turee fi ammas kan itti... Read more
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!! Monday, 29 January 2024 06:34
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!&&&Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame. @@@Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti... Read more
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale. Monday, 29 January 2024 06:36
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale.@@@I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Modernaayizeeshinii fi Koropporeetii BGO Obbo Gosaa Fayisaa eegalamuu leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin bara kana... Read more
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame. Monday, 29 January 2024 06:38
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame.@@@@Obbo Ramadaan Waariyoo Hoogganaa I/A fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa cufiinsa leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin; leenjiin biiroon... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Monday, 29 January 2024 06:41
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatiin bara kanaaf qophaa'e waliin ta'uun gamaaggamee jira.&&&&&Sad. I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa kab. Aadde... Read more
BGOn Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa fi Farraa malaammaltummaa kabajera. Monday, 29 January 2024 06:42
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa mata duree Hedduminnii fi Wal-qixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!! Jedhuun fi kabaja guyyaa ayyaana Farra Malaammaltummaa taasisee jira.&&&&Kabaja guyyaa ayyaanaa kana irratti argamuun haasaa kan... Read more
BGOn bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. Monday, 05 February 2024 11:21
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. @@@@@@ Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2016 kan kurmaana 1ffaa fi 2ffaa /kan ji'a jahaa/ magaalaa Shaggar kutaa mag/Sabbataatti... Read more

Teessoo Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Finfinnee, Sarbet Mooraa Biiroolee Oromiyaa keessa

Lakk Bil: 011-369-15-18/ 011 369- 18-15

Lakk Fax: +251-11-371-78-80

Lakk Poostaa: 27475

Email: Oromiarevenues@gmail.com

Finfinnee, Oromiyaa

Oromia Revenue Bureau by ORB ICT