1.png
images/Banner Slide/02.png
2.png
images/Banner Slide/03.png
4.png
images/Banner Slide/04.png
images/Banner Slide/05.png
PlayPause
previous arrow
next arrow

Aangoo fi Gahee Hojii BGO


  1. Galiiwwan seeraan yookiin Mootummaa Federaalaa irraa bakka bu’iinsaan Mootummaa Naannichaatiif kennaman ni murteessa, walitti ni qaba, akkaataa walitti qabiinsa isaas ni hooggana;
  2. Seerota gibiraa fi taaksii fooyyessuuf qorannoowwan adda addaa gaggeessuudhaan yaada murtii mootummaaf ni dhiyeessa, yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
  3. Seerota gibiraa fi taaksii darbuudhaan yakka raawwataman ni qorata, ni himata, ni falma, kana raawwachuuf Abbootii Alangaa fi qorataa yakkaa mataa isaa ni gurmeessa, raawwii isaaniis ni hordofa.
  4. Mootummaa Naannicha keessatti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii hammayyaa’aa ni diriirsa, tajaajilamtootaaf tajaajila haqa qabeessa, qulqulluu fi si’aayaa ni kenna.
  5. Ragaalee hojii Abbaa Taayitichaaf gargaaran walitti ni qaba, ni gurmeessa, ni xiinxala, qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
  6. Murtii fi walitti qabiinsa galiiwwanii, qabiinsa herregaa fi dhimmoota biroo kana wajjin wal qabatan raawwachuuf haalawwan hojii fi tooftaalee raawwii ni qopheessa, hojii irra ni oolcha, ni hordofa;
  7. Kaffaltoonni gibiraa fi taaksii mirgaa fi dirqama isaanii akka beekan kan dandeessisu sirna ni diriirsa, hojii hubannoo cimsuu itti fufiinsaan ni kenna;
  8. Madda galii Mootummaa Naannichaa babal'isuuf kan gargaaran qo'annoowwan adda addaa ni gaggeessa, yaada ni burqisiisa, Mana Maree Bulchiinsaatti dhiyeessuun yeroo hayyamamu hojii irra ni oolcha;
  9. Sirna raawwii bulchiinsa gibiraa fi taaksii ilaalchisee gorsaa fi leenjii ni kenna;
  10. Seerota gibiraa fi taaksii raawwachiisuuf ragaalee fi sanadoota barbaachisaa ta’an nama kamiyyuu harka jiran dhiyeessisuun ni qorata, yoo barbaachisaa ta’e to’annoo jala oolchuu ni danda’a;
  11. Akkaataa seeraatiin qabeenya abbaa idaa gibiraa fi taaksii qabsiisuun idaa gibiraatiif ni oolcha;
  12. Galiiwwan karaa Mootummaa Federaalaa walitti qabamuun Mootummaa Naannichaaf galii ta'uu qaban kamiyyuu hordofuun galii ni taasisa;
  13. Hanga galii Mootummaa Naannichaatiin walitti qabamuu qabu ni qorata; istaatistiiksii galiiwwaniis ni qopheessa, ni qindeessa;
  14. Ulaagaalee qooddii galii ni qorata, yaada ni dhiyeessa, irrattis ni hirmaata,
  15. Galii tajaajila adda addaa bulchiinsa magaalotaa irraa walitti qabamuu qabu taarifa Manni Maree Bulchiinsa Magaalotaa baasu irratti hundaa'uun ni murteessa, walitti ni qaba, ni bulcha.
  16. Galii naannichaa walitti qabamuu fi taarifa qopheessuuf qorannoo gaggeeffamuu fi murtii kennamu keessatti hirmaachuun ni raawwachiisa;
  17. Karoora galii tajaajila manneen hojii mootummaa qopheessaniin galii walitti qabamuu qabu karoora waliigalaa waliin qopheessee akka mirkanaa'u ni taasisa, raawwii isaas ni hordofa;
  18. Kaffalaa gibiraatiif dhaabbilee gibira itti kaffaluu danda’an kanneen biroo ni mijeessa.
  19. Qaraxa seeraan murtaa'e walitti qabuu fi iddoo barbaachisaa ta'etti buufatni to’annoo akka hundeeffamu yookiin akka cufamu Mana Maree Bulchiinsaatti ni dhiyeessa, yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha.
  20. Hojjettootaaf yeroo yeroon leenjii ni kenna, dandeetti raawwachiisummaa hojjettootaa cimsuu kan dandeessisu sirna leenjii fi fooyya’iinsa ogummaa ni diriirsa.
  21. Raawwii sirna galii fi taaksii wal-simsiisuuf qaamota damee galii Federaalaa fi Naannoolee biroo waliin muuxannoo wal jijjiirraa ni gaggeessa, walitti dhufeenya barbaachisaa ta’e ni uuma.
  22. Akkaatuma barbaachisummaa isaatti aangoo fi hojii isaarraa qoodee bakka bu’iinsaan qaamolee dhimmi ilaaluuf kennuu ni danda’a.

Ergama, Mul'ataa fi Dudhaa Biiroo Galiwwaan Oromiyaa

Ergama BGO

Ergama BGO

Sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa ta’e diriirsuu, aadaa fedhiin gibira kaffaluu gabbisuu fi ogeessa seera kabachiisuuf gahumsaa fi kaka’umsa qabutti fayyadamuun galii dinagdeen naannichaa maddisiisu sassaabuudhaan misooma hawaas-dinagdee naannichaaf akka oolu gochuu.

 
Mul’ata BGO

Mul’ata BGO

Bara 2022 tti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuun galii dinagdeen naannichaa maddisiisu gahumsaan sassaabamee arguu.
 
Duudha BGO

Duudha BGO

  • Itti gaafatumummaa
  • Iftoomina
  • Tajaajila haqa qabeessa kennuu
  • Seera gibiraa fi taaksii kabajuu
  • Ogummaa fi dandeettii bu’aa qabatamaaf oolchuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uu

Hooggantoota Biiroo Galiiwwaan Oromiyaa

Hogganaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Hogganaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Obbo Tasfayee Tuuluu

I/A Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Ammayyeessuu fi Koorpooreetii

I/A Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Ammayyeessuu fi Koorpooreetii

Obbo Gosaa Fayisaa

I/A/Hoggaaa fi I/G Damee Misooma fi Bulchiinsa Taaksii

I/A/Hoggaaa fi I/G Damee Misooma fi Bulchiinsa Taaksii

Obbo Lammeessaa Ayyalaa

I/A/Hogganaa fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa

I/A/Hogganaa fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa

Obbo Ramadaan Waariyoo

TeleBirr

ORADMS

HRMS

Previous Next
  • 1
  • 2
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise. Monday, 29 January 2024 06:26
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.@@@@Marii kana irratti sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kan argaman yammuu ta'u haasaa taasisan... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira... Monday, 29 January 2024 06:29
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...@@@''Qajeelfamoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaan ba'u haal-duree tokko malee hojiirra ooluu qaba'' jedhan Hoogganaan I/A Biiroo Galiiwwan... Read more
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!! Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti. Monday, 29 January 2024 06:32
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!!&&&Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.&&&&Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa karoora xiiqii sassaabbii galii (qar. Bil 144) galmaan gahuuf hojii karooraan hoogganamu hojjechaa kan turee fi ammas kan itti... Read more
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!! Monday, 29 January 2024 06:34
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!&&&Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame. @@@Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti... Read more
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale. Monday, 29 January 2024 06:36
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale.@@@I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Modernaayizeeshinii fi Koropporeetii BGO Obbo Gosaa Fayisaa eegalamuu leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin bara kana... Read more
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame. Monday, 29 January 2024 06:38
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame.@@@@Obbo Ramadaan Waariyoo Hoogganaa I/A fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa cufiinsa leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin; leenjiin biiroon... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Monday, 29 January 2024 06:41
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatiin bara kanaaf qophaa'e waliin ta'uun gamaaggamee jira.&&&&&Sad. I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa kab. Aadde... Read more
BGOn Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa fi Farraa malaammaltummaa kabajera. Monday, 29 January 2024 06:42
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa mata duree Hedduminnii fi Wal-qixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!! Jedhuun fi kabaja guyyaa ayyaana Farra Malaammaltummaa taasisee jira.&&&&Kabaja guyyaa ayyaanaa kana irratti argamuun haasaa kan... Read more
BGOn bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. Monday, 05 February 2024 11:21
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. @@@@@@ Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2016 kan kurmaana 1ffaa fi 2ffaa /kan ji'a jahaa/ magaalaa Shaggar kutaa mag/Sabbataatti... Read more

Teessoo Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Finfinnee, Sarbet Mooraa Biiroolee Oromiyaa keessa

Lakk Bil: 011-369-15-18/ 011 369- 18-15

Lakk Fax: +251-11-371-78-80

Lakk Poostaa: 27475

Email: Oromiarevenues@gmail.com

Finfinnee, Oromiyaa

Oromia Revenue Bureau by ORB ICT