Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame.
@@@@
Obbo Ramadaan Waariyoo Hoogganaa I/A fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa cufiinsa leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin; leenjiin biiroon walitti fufiinsaan kennaa jiru toora xiyyaaffannoo Biiroon Galiiwwanii qabate keessaa tokko Misooma Humna Namaa waan ta'eef sammuu namaa misoomsuun; beekumsa gahaa fi dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa fi ogeessaa cimsuun ilmi namaa beekumsa argatetti fayyadamee nama guutuu ta'uun hojii hunda galeessa irratti hirmaachuu akka danda'u gochuu irratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsanii jiru.
&&&&
Itti dabaluunis Obbo Ramadaan Waariyoo kallatti hojii kaa'aniin bara kana karoora xiiqii qarshii bil. 144 sassaabuudhaaf itti amanamee kan fudhatame ta'uu fi biyya bulchuuf galiin murteessaa akka ta'e hubatamee adeemsi hojii Biiroo Galiiwwanii hundi sadarkaa jiranitti dhibaa'ummaa fi rakkoolee adda addaa irraa bilisa ta'uun karoora akka Biiroottis ta'e akka dhuunfaatti qabame galmaan ga'uu keessatti kutannoo cimaa, hamilee fi xiiqiidhaan hojjetanii imaanaa mootummaan nutti kenne galmaan gahuu akka qaban dhaamsa dabarsanii jiru.
@@@
Galiin Kabaja Biyyaaf!!!
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale.
@@@
I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Modernaayizeeshinii fi Koropporeetii BGO Obbo Gosaa Fayisaa eegalamuu leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin bara kana Biiroon Galiiwwanii sadarkaan jiran 'job rotation' kan gaggeesseef hojjetaa fi hojii walitti fiduuf yaadamee akka ta'e dubbatanii barbaachisummaan leenjichaas hojjetaa gita hojii irratti ramadame irratti gahoomsuuf jedhamee akka qophaa'e ibsanii jiru.
Itti dabaluunis obbo Gosaan akka kaasanitti kaayyoon leenjii kanaa jijjiirama fiduuf sababa ta'eef hojjetaan hamilee cimaa horatee maal karoorfadheen maal raawwadhe, hojiin waajjirichaa kamiyyuu na ilaallata jechuunii fi aadaa waliin hojjechuu cimsuun humni Oromiyaa karoora galii qabameen ol sassaabuu akka danda'u beekee karoora bara kanaa galmaan gahuu irratti xiiqiidhaan hojjechuu akka qaban kallattii kaa'uun leenjicha jalqabsiisanii jiru.
Horaa Bulaa!!
&&&&
Galiin Kabaja Biyyaaf!!!
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!
&&&
Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame.
@@@
Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti kan argaman I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Bul/Taaksii Obbo Lammeessaa Ayyalee haasaa taasisaniin Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa waggoottan darbaniif leenjii adda addaa kennuun gahumsaa fi dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa cimsuu fi sirna hojimaata Biiroo ammayyeessuun ofcimsaa sadarkaa amma irra jiru irraa kan ga’e ta’uu kaasanii jiru.
@@@
Dabalataanis obbo Lammeessaan yaada kaasaniin leenjiin kun maaliif yeroo kana garee amma leenji’aniif durfamee kenname kan jedhu hubachuun barbaachisaa akka ta’e fi leenjii kana bu’uura godhachuudhaan hojjettootni :-
@ Gita hojii irratti ramadaman irratti gahumsa hojii qabaachuu,
@ Bu’a qabeessa ta’uuf kutannoo qabaachuu,
@ Jijjiirama fiduuf of qopheessuu,
@ Madda galii sakatta’anii baasuuf qophaa’ummaa qabaachuu,
@ Seera taaksii kabachiisuu danda’uu,
@ Karoorri bara kanaa dandeettii dinagdeen naannoo keenyaa maddisiisu danda’u irratti kan hundaa’e ta’uu hubachuu,
@ Hojjetaan kamuu karoora dhuunfaa kan waggaa, ji'aa fi torbanii qabaachuu,
@ Hojimaata haaraan of ijaaraa deemu,
@ Malaammaltummaa irraa of-qusachuun hojii itti kenname galmaan ga’uun milkaa’ina karoora bara kanaaf murteessaa akka ta’e kaasanii karoora xiiqii bara kanaa akkasitti gahumsaan raawwachuun Naannoo Oromiyaa yeroo dhiyoo keessatti biyya keenyaaf fakkeenya guddaa akka taatu gochuun leenjifamtootaa fi hojjettoota hunda irraa akka eegamu kaasanii yaadaa fi gaaffii hirmaattoota irraa ka'eef deebii kennuun saganticha goolabanii jiru.
@@@
Dhumarrattis Leenjiin haala kanaan kennamuun isaa gaarii akka ta'e, dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa kan cimsee fi miira hojii gaarii nama keessatti kan uume akka ta'e yaada hirmaattoota irraa ka’een beekuun dandaamee jira.
- Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!! Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.
- Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...
- Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.
- 1
- 2

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.@@@@Marii kana irratti sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kan argaman yammuu ta'u haasaa taasisan... Read more

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...@@@''Qajeelfamoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaan ba'u haal-duree tokko malee hojiirra ooluu qaba'' jedhan Hoogganaan I/A Biiroo Galiiwwan... Read more

Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!!&&&Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.&&&&Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa karoora xiiqii sassaabbii galii (qar. Bil 144) galmaan gahuuf hojii karooraan hoogganamu hojjechaa kan turee fi ammas kan itti... Read more

Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!&&&Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame. @@@Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti... Read more

Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale.@@@I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Modernaayizeeshinii fi Koropporeetii BGO Obbo Gosaa Fayisaa eegalamuu leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin bara kana... Read more

Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame.@@@@Obbo Ramadaan Waariyoo Hoogganaa I/A fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa cufiinsa leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin; leenjiin biiroon... Read more

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatiin bara kanaaf qophaa'e waliin ta'uun gamaaggamee jira.&&&&&Sad. I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa kab. Aadde... Read more

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa mata duree Hedduminnii fi Wal-qixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!! Jedhuun fi kabaja guyyaa ayyaana Farra Malaammaltummaa taasisee jira.&&&&Kabaja guyyaa ayyaanaa kana irratti argamuun haasaa kan... Read more

Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. @@@@@@ Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2016 kan kurmaana 1ffaa fi 2ffaa /kan ji'a jahaa/ magaalaa Shaggar kutaa mag/Sabbataatti... Read more