Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!

Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!
&&&
Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame.
@@@
Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti kan argaman I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Bul/Taaksii Obbo Lammeessaa Ayyalee haasaa taasisaniin Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa waggoottan darbaniif leenjii adda addaa kennuun gahumsaa fi dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa cimsuu fi sirna hojimaata Biiroo ammayyeessuun ofcimsaa sadarkaa amma irra jiru irraa kan ga’e ta’uu kaasanii jiru.
@@@
Dabalataanis obbo Lammeessaan yaada kaasaniin leenjiin kun maaliif yeroo kana garee amma leenji’aniif durfamee kenname kan jedhu hubachuun barbaachisaa akka ta’e fi leenjii kana bu’uura godhachuudhaan hojjettootni :-
@ Gita hojii irratti ramadaman irratti gahumsa hojii qabaachuu,
@ Bu’a qabeessa ta’uuf kutannoo qabaachuu,
@ Jijjiirama fiduuf of qopheessuu,
@ Madda galii sakatta’anii baasuuf qophaa’ummaa qabaachuu,
@ Seera taaksii kabachiisuu danda’uu,
@ Karoorri bara kanaa dandeettii dinagdeen naannoo keenyaa maddisiisu danda’u irratti kan hundaa’e ta’uu hubachuu,
@ Hojjetaan kamuu karoora dhuunfaa kan waggaa, ji'aa fi torbanii qabaachuu,
@ Hojimaata haaraan of ijaaraa deemu,
@ Malaammaltummaa irraa of-qusachuun hojii itti kenname galmaan ga’uun milkaa’ina karoora bara kanaaf murteessaa akka ta’e kaasanii karoora xiiqii bara kanaa akkasitti gahumsaan raawwachuun Naannoo Oromiyaa yeroo dhiyoo keessatti biyya keenyaaf fakkeenya guddaa akka taatu gochuun leenjifamtootaa fi hojjettoota hunda irraa akka eegamu kaasanii yaadaa fi gaaffii hirmaattoota irraa ka'eef deebii kennuun saganticha goolabanii jiru.
@@@
Dhumarrattis Leenjiin haala kanaan kennamuun isaa gaarii akka ta'e, dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa kan cimsee fi miira hojii gaarii nama keessatti kan uume akka ta'e yaada hirmaattoota irraa ka’een beekuun dandaamee jira.

Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!! Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.

Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!!
&&&
Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.
&&&&
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa karoora xiiqii sassaabbii galii (qar. Bil 144) galmaan gahuuf hojii karooraan hoogganamu hojjechaa kan turee fi ammas kan itti jiruu dha.
Bu'uuruma kanaan Hojjetaan kumiyyuu karoora Biiroo, kan Daayrektooreetii, kan garee fi kan ofii isaa/ishee lakkoofsaan beekuu akka qabu yaadni hooggansa irraa ka'ee jira.
Kanuma bu'uura godhachuun guyyaa har'aa Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa bakka Hooggantoonni ol'aanoon Biirichaa argamanitti hojii bara kanaaf akka Daayirektooreetii fi hojjetaa dhuunfaa hundatti qophaa'ee dhiyeeffame irratti marii gadi fageenyaa gaggeessee jira.
&&&&
Horaa Bulaa!!!!

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...
@@@
''Qajeelfamoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaan ba'u haal-duree tokko malee hojiirra ooluu qaba'' jedhan Hoogganaan I/A Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Obbo Goosaa Fayyisaa.
@@@
Hoogganaa I/A Biiroo Galiiwwan Oromiyaa obbo Goosaa Fayyisaa haasaa taasisaniin karoorri hojii tokko galma akka ga'uuf namni fi hojiin wal-arguu irra darbee walitti dhufeenyi hojjettootaa cimuun murteessaa akka ta'e yaada kan kennanii fi dandeettii raawwachiisummaa hojjettoota keenyaa sadarkaa barbaadamu irraan ga'uuf bara kana ogeessoota 4000 ol leenjisuun akka danda'ame ibsanii jiru.
@@@
Itti dabaluun Obbo Goosaan akka jedhanitti karoora qabame galmaan gahuuf hojii bal'aa hojjetamaa jiran keessaa; hooggansa humna namaa cimsuu, naamusa gaarii hojjettootaa jabeessuu, keessoo mana hojii qulqulleessuu, aadaa hojii walitti kennanii walharkaa fuudhuu cimsuu fi faayidaa hojjettootaa akka mirkanaa'uuf hojii bal'aan hojjetamuu isaa dubbatanii jiru.
Kanumaan wal-qabatees kabajamoo obbo Goosaa Fayyisaa yaada hirmaattootaaf kennaniin manni hojii keenya haala hawwattummaa kenna tajaajilaa dabaluuf dhimmi naamusaa fi hojimaataa dhimma ijoo akka ta'e beekamee hojjetamuu akka qabu; kanaafis qajeelfamoonni yeroo yerootti akka Biirootti ba'anii gadi bu'an haal-duree tokko malee hojii irra ooluu akka qaban kallattii kennanii jiru.
&&&
Leenjiin kun Abbootii adeemsaa, qindeessitootaa fi ogeessoota Qabeenya Namaa fi ijaarsa dandeettii fi qondaaltoota naamusaa sadarkaa Naannoo irraa hanga Aanaatti jiran hojjettoota 800 oliif mata dureewwan Dambii bul/Hojjettoota Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa, Maalummaa fi miidhaa malaammaltummaa, Maalummaa Istaandardii kenna tajaajilaa fi madaallii irratti kan kennamu ta'a.

Previous Next
  • 1
  • 2
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise. Monday, 29 January 2024 06:26
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.@@@@Marii kana irratti sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kan argaman yammuu ta'u haasaa taasisan... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira... Monday, 29 January 2024 06:29
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hojjettoota Biiroo sadarkaan jiraniif kennuu itti fufee jira...@@@''Qajeelfamoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaan ba'u haal-duree tokko malee hojiirra ooluu qaba'' jedhan Hoogganaan I/A Biiroo Galiiwwan... Read more
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!! Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti. Monday, 29 January 2024 06:32
Baga Ayyaana Jala Bultii bara haaraan isin ga'e!!!&&&Karoorri Bu'uura Milkaa'ina Hojii ti.&&&&Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa karoora xiiqii sassaabbii galii (qar. Bil 144) galmaan gahuuf hojii karooraan hoogganamu hojjechaa kan turee fi ammas kan itti... Read more
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!! Monday, 29 January 2024 06:34
Leenjiin Jijjiirama Waa maraaf!!&&&Leenjiin Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti daayirekteroota murtii taaksii magaaloota 'Regio Politan' fi qindeessitoota murtii fi odiitii taaksiitiif kennamaa ture goolabame. @@@Sagantaa xumura lenjii kanaa irratti... Read more
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale. Monday, 29 January 2024 06:36
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Leenjii Qindeessitoota Garee Hordoffii fi Sassaabbiif kennuu har'a magaalaa Baatuutti eegale.@@@I/A/Hoogganaa fi I/G/Damee Modernaayizeeshinii fi Koropporeetii BGO Obbo Gosaa Fayisaa eegalamuu leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin bara kana... Read more
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame. Monday, 29 January 2024 06:38
Leenjiin Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Magaalaa Baatuutti kennaa jiru marsaan inni duraa goolabame.@@@@Obbo Ramadaan Waariyoo Hoogganaa I/A fi I/G Damee Barumsaa fi Dhimmoota Seeraa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa cufiinsa leenjichaa irratti argamuun yaada kennaniin; leenjiin biiroon... Read more
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Monday, 29 January 2024 06:41
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa piroppozaala Qorannoo Dandeettii Galii Maddisiisuu Naannoo Oromiyaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatiin bara kanaaf qophaa'e waliin ta'uun gamaaggamee jira.&&&&&Sad. I/A/Pir.tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa kab. Aadde... Read more
BGOn Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa fi Farraa malaammaltummaa kabajera. Monday, 29 January 2024 06:42
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa mata duree Hedduminnii fi Wal-qixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!! Jedhuun fi kabaja guyyaa ayyaana Farra Malaammaltummaa taasisee jira.&&&&Kabaja guyyaa ayyaanaa kana irratti argamuun haasaa kan... Read more
BGOn bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. Monday, 05 February 2024 11:21
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2016 hanga kurmaana 2ffaatti galii qarshii bil. 57.07 sassaabuu isaa ibse. @@@@@@ Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2016 kan kurmaana 1ffaa fi 2ffaa /kan ji'a jahaa/ magaalaa Shaggar kutaa mag/Sabbataatti... Read more
“ Kan dhama’anii bu’aa buusan ni badhaasna !” Monday, 22 December 2025 07:44
“ Kan dhama’anii bu’aa buusan ni badhaasna !” Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Raawwii Hojii Bara 2017tiin Badhaasa Sadarkaa Diyaamendii Argate! GALIIN KABAJA BIYYAATIIF !!! Mudde 12-2018 Finfinnee Biiroon Galiiwwan Oromiyaa dhaabbata ‘Grand African Organizational and... Read more

Teessoo Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Finfinnee, Sarbet Mooraa Biiroolee Oromiyaa keessa

Lakk Bil: 011-369-15-18/ 011 369- 18-15

Lakk Fax: +251-11-371-78-80

Lakk Poostaa: 27475

Email: Oromiarevenues@gmail.com

Finfinnee, Oromiyaa

Oromia Revenue Bureau by ORB ICT