Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.

Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa Raawwii Hojii Sassaabbii Galii Taaksii 2015 fi Karoora bara 2016 Irratti hojjettoota waliin marii taasise.
@@@@
Marii kana irratti sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kan argaman yammuu ta'u haasaa taasisan keessatti Biirichi Hojii sassaabbii Taaksii bara bajataa 2015 haala ajaa'ibsiisaa ta'een kan raawwate yammuu ta'u Galma gahiinsa Raawwii kanaaf sababoonni ijoon:-
- Hojii misooma qabeenyaa namaa irratti xiyyeeffatamuu,
- Hojii barumsa kaffalaa gibiraa fi hubannoo uumuu,
- Sirna gibiraa fi taaksii hammayyeessuu,
- Olaantummaa seera taaksii kabachiisuu
- Qorannoo humna galii maddisiisuu fi
-Tarsiimoo Guddina Galii hojirra oolchuu akkasumas kaffaltoota gibiraa amanamummaan taaksii kaffalaniif beekamtii kenname akka ta'e ifatti kaasanii jiru.
Akkasumas Milkaa'ina raawwii galii bara 2015 tiif gaheen hooggansaa fi hojjataa sadarkaa sadarkaan jiranii olaanaa ta'uu ibsuun karoora xiiqii bara 2016 milkeessuufis kaka'umsa olaanaan akka hojjatamuu qabu dhaamanii jiru..
@@@@
Gama biraatiin raawwii hojii bara 2015 keessatti Ciminaa fi hanqina gadi fageenyaan kan ilaalame ta'ee ciminni jiru akka itti fufuu fi Hanqinootni mul'achaa turan fooyya'uu akka qaban irratti mari'atamee jira.
@@@@@
Sad. I/A/Pir tti Hooggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa kallattii kennanniin Karoorri bara bajataa 2016 qr biiliyoona 144 sassaabuuf karoorfame karoora xiiqii waan ta'eef xiiqii olaanaan hojii karoorsuu, raawwachuu, deeggaruu, hordofuu, gamaaggamuu fi dub-deebii Kennaa deemuun dhimma gaggeessummaa olaanaan raawwatamuu qabu akka ta'e kallattii kennanii jiru.
&&&&
Bara hojii gaarii!
Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa